Irreechi madda galii olaanaa waan ta’eef dhaabbileen tajaajilaa qophii isa madaaluu gochuu qabu – Kantibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Irreechi duudhaa isaa eegee akka kabajamuuf hojiilee qophii duraarratti Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi Hoggantoota olaanaa bulchiinsa magaalichaa waliin mari’ataniiru.
Irreechaan ayyaana ummanni Oromiyaa uumaa isaa ittiin galateeffatu, ayyaana nageenyaa, araaraa, Dhiifamaa fi obbolummaa dirreetti kabajamu ta’uu marichaan ka’eera.
Duudhaa fi aadaa eegee akka kabajamu qophii gahaan taasiifamaa jiraachuu abbootiin gadaa kunneen ibsaniiru.
Ayyaana lammiileen biyya keessaa fi alaa hedduun irratti hirmaatan kana akkaataa duudhaa isaa eegeen kabajuun yaa’insa Tuuristii dabaluu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.
Irreechi Waltajjii eebbaa, Araaraafi Nageenyaa,faajjii Tokkummaafi Miidhaginaa ta’uu eeran.
Ayyaanichi madda galii olaanaa waan ta’eef dhaabbileen tajaajilaa qophii isa madaaluu gochuu akka qaban gaafatan.
Hojiileen Misooma Koriidarii fi Qarqara Lageeniitti hojjetamaa jiraniis ayyaanota dirreetti kabajamaniif haala mijaataa uumuu dubbatan.
Ayyaanichi Irreechaa bara kana mata duree ‘Irreecha Olka’iinsa Biyyaaf’ jedhuun kabajama.
#Oromia #Ethiopia