Irreechi waltajjii waggaa waggaan waadaa Oromummaa keenya itti haaromsannuudha – Abbaa Gadaa Saglan Iluu Hayiluu Laggasaa
Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FMC) – Irreechi waltajjii guddaa waggaa waggaan waadaa Oromummaa keenya itti haaromsuun tokkummaa keenya itti itichinuudha jedhan Abbaan Gadaa Saglan Iluu Hayiluu Laggasaa.
Abbaan Gadaa Saglan Iluu Hayiluu Laggasaa, sirna kabaja ayyaana Irreecha Harsadee har’a karaa miidhagaafi hawwataa ta’een kabajamaa oolerratti yaada isaanii ibsaniin, Irreechi waltajjii Oromoo bittinnaa’e KaabaafiKibbaa, Bahaafi Dhihaa walitti qabuun akka wal baru, yaadasaa waljijjiiruun tokkummaasaa jabeeffatu ta’uu himaniiru.
Irreechi araara, nageenya, jaalala, tokkummaadha, obbolummaadha, walooma kan jedhan Abbaan Gadaa Hayiluun, dirree Oromoon kallattii hundarraa dibaabee tokko jalatti walitti dhufuun eenyummaafi guddummaa itti calaqqisiifatu ta’uu ibsaniiru
Walumaagalatti ayyaanni Irreechaa waltajjii waggaa waggaan Oromoon bakka jirurraa walitti dhufuun waadaa Oromummaa itti haaromsatuudha jedhan Abbaan Gadaa Hayiluun.
Calaqqee Oromummaafi ibsituu miidhagina Oromoo kan ta’e Irreechi sadarkaa har’a irra gahe kanaan gahuuf aarsaa guddaan kaffalamuu kan kaasan Abbaan Gadaa kun, dhaloonni aarsaa kaffalamee sirna kana asiin gahe sirriitti beekuu, duudhaafi safuusaa barachuu, aadaafi duudhaa ofii qoratee beekuun ittiin jiraachuu qaba jedhan.
Dabalataanis dhaloonni kun wal dhaggeeffachuu, icciitii walii eeguu, hir’uu walii guutuun kafana walii ta’uu akkasumas hayyuufi jabaa ofii kabajuufi jajjabeessuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’sa.
#Oromiya #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo