Fana: At a Speed of Life!

Ispoorteessaa jiminaastikii biyya isaa bakka bu’ee Olompikii irratti hirmaachuuf mul’ata qabu…

Finfinnee Amajjii 22, 2018(FMC) – Ispoorteessaa fi dorgomaan Jiminaastikii, barataan Yuunivarsiitii Jimmaa Dirribaa Toleeraa feestiivaala ispoortii barattoota Yuuniivarsiitiiwwan Itiyoophiya irratti yeroo gaarii dabarsaa jira.

Feestiivaalli ispoortii kun yoo xumuramu dorgommicha kan keessummeesse Yuuniivarsiitiin Jimmaa qabxii 76n 1ffaa ta’uun waancaa argateera,

Barataan Waggaa 2ffaa Siivil Injiinaringii Yuuniivarsiitichaa Dirribaa Toleeraa gosoota ispoorii jiminaastikii dorgomeen madaaliyaa warqii afurii fi meetii tokko milkeesseera.

Garee isaa keessattis hiriyyoota isaa waliin ta’uun Yuuniivarsiitiin isaa waancaa akka argatu gochuu danda’eera.

Milkaa’ina dorgommii jiminaastikii irratti argateenis gammaduu isaa ibsee, fuulduraaf biyya isaa bakka bu’uun dorgommiiwwan olompikii fi kanneen biroo irratti hirmaachuuf mul’ata akka qabu dubbateera.

Hirmaannaa biras darbee waltajjii idil addunyaa irratti biyya koof madaaliyaa argamsiisuun hawwa jedhee, kanaafis ga’umsa isaa guddifachuuf carraan leenjii akka miijatuuf gaafateera.

Feestiivaalli ispoortii barattoota Yuuniivarsiitiiwwan Itiyoophiya gosoota ispoorii 15’n Yuuniivarsiitii Jimmaatti haala ho’aa ta’een geggeeffameera.

Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.