Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel warshaa ijoo Peetirookeemikaalii Iraan haleelte

Finfinnee, Bitootessa 28, 2018 (FMC) -Humni Waraanaa Isaa’eel warshaa ijoo Peetirookeemikaalii Iraan haleeluu beeksise.

Haleellichi daangaan yeroo Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi kennan xumuramuuf sa’aatii muraasni qofti wayita hafutti kan raawwateedha.

Warshaan kun naannawaa Asaaluuyaahi jedhamutti kan argamu yoo ta’u, Keemikaala Iraan walakkaa kan ta’u Warshaa kanatu oomisha jedhame.

Ministeerri Raayyaa Ittisaa Israa’eel akka beeksisetti, Humni Waraanaa Israa’eel humna qabu guutuu fayyadamuun bu’uuraalee misoomaa Iraan irratti tarkaanfii fudhateera.

Haleellaan Warshaa Peetirookeemikaalirratti raawwate qaama kanaa ta’uu ibsuu BBC’n gabaaseera.

Iraan gama isheen haleellaan Israa’eel raawwatte hordofee yaada marii waliigaltee dhukaasaa dhaabuu dhiyaatee ture kufaa taasifteerti.

Fedhiin Iraan dhukaasa dhaabuu osoo hin taanechaleellaan lamata irratti akka hin raawwatamne wabii argachuu fi waraanni dhuma akka argatu haala mijeessuu ta’uu ibsuu ‘Moorning Istaar’ gabaaseera.

Iraan karoorri nagaa qophaa’u kan naanawa san guutumman tasgabbeessu akka ta’uu fi Waldhabdee baha giddu galeessatti yeroo ammaa deemaa jiru hundi, qaama furmaata akka ta’an barbaaddi.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.