Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Teelee Koomiin galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 62 argate

Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Itiyoo Teelee Koomiin bara baajataa 2017 galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 62 argate jedhan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireehiwaat Taammiruun.

Fireehiwaat Taammiruun raawwii hojii bara 2017 ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Bara baajatichaa maddoota galii babal’isuun hojiilee hedduun hojjetamuu kaasan.

Dhaabbatichi bara 2017 keessa galii Birrii biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 62 argachuu eeran.

Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 68.3 caalmaa qabaachuu ibsan.

Galii argame keessaa Birrii biiliyoonni 76 bu’aa qulqulluu ta’uu dubbatan.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.