Itiyoo Teeleekoomiin hojiilee tola ooltummaa raawwate
Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Hoggantoonnii fi hojjettoonni Itiyoo Teeleekoomii ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hojiilee tola ooltummaa raawwataniiru.
Hoggantoonnii fi Hojjettoonni waajjira Muummee dhaabbatichaa dhiigaa arjoomaniiru.
Akkasumas meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 2.6 deeggarsa taasisaniiru.
Hojiilee gaarii raawwachuu fi hordofuun dhaloota ceesisa jedhan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoomii aadde Fireeyiwaat Taammiruun.
Dhaabbatichi guutuu biyyattiitti dhaabbilee hojiile tola ooltummaa hojjetan waliin hojjechuuf baajata ramaduu dubbatan.
Guyyaa har’aa Dabtara Barnootaa kuma 900 fi kuma 60 deeggarsa taasisuu eeruun, deeggarsichi barattoota kuma 80 fayyadamoo taasisa jedhan.
Dhaabbatichi hanga ammaatti Dabtara miiliyoona 3.2 ol deeggarsaan kennuu dubbatan.
Miidhaksaa Kachaa fi Feevan Bishawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.