Itiyoo Teeleekoomiin maamiltootaaf kennaa galateeffannaa gumaache
Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Itiyoo Teeleekoomiin boruu eegalee kennaa galateeffannaa maamiltootaaf gumaache jedhe.
Boruu eegalee guyyoota sadiif kan turu Tajaajila Interneetii GB 1, guyyaan daqiiqaa 5 fi ergaa barreeffama gabaabaa 8 maamiltootaaf kennaan gumaachuu hime.
Akkasumas waamicha idil addunyaa daqiiqaa 10 kennaa galateeffannaa gumaachuu ibse.
Kennaan kun har’a halkan sa’aatii 6:00 eegalee hojiirra oola jedhame.
Dhaabbatichi bara baajataa 2017 keessa galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 62 argachuu hordofee kennaa galataa kana gumaachuu hime.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.