Itiyoo- Teelekoom badhaasa Konkolaattota elektirikaa abbootii carraaf kenne
Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC)- Itiyoo- Teelekoom guyyaa hundeeffama waggaa 130ffaa isaa sababeeffachuun badhaasa konkolaattota elektirikaa qopheessee ture lama maamiltoota isaa abbootii carraaf dabarsee kenneera.
Itiyoo- Teelekoom sagantaa badhaasaa kanarratti kanaan dura konkolaattota elektirikaa afur fi konkolaattota abbaa miilla sadii (baajaajiiwwan) 13 maamiltoota isaa abbootii carraaf dabarsee kennuu yaadachiiseera.
Kana malees bilbiloota ammayyaa 372 fi maallaqa elektirooniksii Teelee Birrii dabalatee sagantaa badhaasaa kanaan badhaasota waliigalaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 27.8 baasan kennuu eereera.
Dhaabbatichi yeroo itti aanutti maamiltoota isaa badhaafamoo taasisuu kan danda’u sagantaa badhaasaa ‘Teelee Pileey’ jedhamu beeksiseera.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.