Itiyoo-Telekoom hojimaata diijitaalaa ‘Teelee Istiriim’ eegalchiise
Finfinnee Guraandhala 13, 2018(FMC)- Itiyoo-Telekoom hojimaata diijitaalaa ‘Teelee Istiriim’ eegalchiiseera.
Sagantaa jalqabsiisa hojimaata kanaa irratti Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun akka jedhanitti dhaabbatichi tajaajila isaa guddisuuf hojjechaa jira.
Hojimaanni diijitaalaa kunis maamiltootaaf faayidaa olaanaa kan kennuufi galii Itiyoophiyaa guddisuu keessatti qooda qaba jedhan.
Carraa hojii haaraa uumuuf, kalaqxoota qabiyyeefi fayyadamummaa diijitaalaa lammiilee guddisuuf murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Lammiileen odeeffannoowwan barnootaafi fayyaa haala salphaan akka argataniifi oomishaafi tajaajiloota isaanii akka beeksifataniif kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.
Teelee Istiriim tajaajila hunda kan kennu ta’uu eeranii, waliinga’iinsa chaanaaliiwwan biyya keessaa kan babal’isu ta’uus ibsaniiru.
Kenniinsa tajaajila biroodbaandii idilee kan saffisiisu ta’uus eeraniiru.
Yeshaambal Mihiratitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.