Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Telekoom meeshaa elektirooniksii haaraa “ Znexus” ifoomse

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018(FMC)- Itiyoo Telekoom bilbilaafi meeshaa elektirooniksii haaraa “ Znexus” ifoomseera.

Hojii Raawwachiistuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireehiwoot Taammiruu wayita kana, dhaabbatichi Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teelekoomii babal’isaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoo Telekoom Kanaan dura filmaatawwan dijiitaalaa kanneen akka 4G, 5G, Teelee Birrii, Teelee Gabayaa fi kanneen biroo ifoomsuu yaadachiisanii, filmaatawwan dijiitaalaa kunneen damee diinagdee dijiitaalaa keessatti qooda olaanaa bahachuu eeraniiru.

Dhaabbatichi waggoottan sadan itti aananitti teeknooloojiiwwan haaraa beeksisuuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Teeknooloojiin “ Znexus” guyyaa har’aa ifoomes qaama karoora kanaa ta’uu ibsan.

Teeknooloojiin kun teelee kilaawudiin kan hogganamuufi bilbilootaafi kompiitaroota appilikeeshinoota hedduu qaban kan hammatu ta’uus eeraniiru.

Oomishaaleen “ Znexus” neetwoorkii 4G kan qabaniifi gatii madaalawaan maamiltootaaf kan dhiyaatan ta’uu dubbataniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.