Itiyoo Telekoom waggoota sadan dhufanitti baay’ina maamiltoota isaa miliyoona 100 oliin ga’achuuf hojjetaa jira
Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2018(FMC) – Itiyoo Telekoom waggoota sadan dhufanitti baay’ina maamiltoota isaa miliyoona 100 oliin ga’achuuf hojjetaa jira jedhan hoji raawwachiistuu Olaantuun dhaabbatichaa Firehiwwot Taammiruu.
karoora Tarsiima’aa Dijiitaalaa dhaabbatichaa waggaa sadi’ii irratti ibsa kan kennan hoj-iraawwachiistuun Itiyoo Telekoom hanga bara Faranjootaa 2028tti yaada ‘’Dijiitaalii fi sanarras darbee’’ jedhuun teknooloojii haaraa beeksosuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Karoora Tiraansroormeeshinii Dijiitaalaa Itoophiyaa milkeessuuf Itiyoo Telekoom duraan pirojeektota 4G, 5G, Teelee birrii , Gabaa Teelee, Magaalaa Ismaartii fi qonna ismaartii ifoomsuu isaa yaadachiisaniiru.
Dhaabbatichi teknooloojiiwwan haaraa beeksisuuf akka hojjatu ibsanii, qulqullinaa fi walga’iinsa teknooloojii baballisuuf fayyadamtotta neetwoorkii dhaloota 4ffaa(4G) gara %99tti guddisuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Walii galatti karoorri waggaa sadi’ii kun Itiyoo Telekoom Itoophiyaa qofa osoo hin taane, milkaa’ina Tiraansroormeeshinii Afrikaaf ga’ee olaanaa akka qabaatuuf ni hojjeta jedhan.
Itiyoo Telekoom guyyaa kaleessaa imala Tiraansroormeeshinii Dijiitaalaa biyyattii sadarkaa olaanaa irraan ga’uuf tarsiimoo haaraa ‘’The nexus’’ jedhamu ifa gochuun isaa ni yaadatama.
Mikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.