Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf tokkummaa sabdaneessaa cimsuu qabna- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC )- Sadarkaa Ministira Muummeetti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaa jabduufi badhaate ijaaruuf tokkummaa sabdaneessaa cimsuu qabna jedhan.
Konfiransiin nageenyaa, tokkummaafi misoomaa Naannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira.
Obbo Adam Faaraah waltajjicharratti akka jedhanitti, qabeenyi seenaa, aadaafi uumamaa naannichi qabu naannicha yeroo gabaabaa keessatti fakkeenya badhaadhinaa akka ta’u taasisa.
Dandeettii jiru fayyadamuuf tattaaffiin taasifame bu’aa argamsiisuu kaasanii, damee siyaasaanis hojiileen dhaabbilee naannichaa gurmeessuun gara hojiitti galchuu akkasumas sosochiin uummataafi tokkummaa hoggansaa fidu danda’an hojjetamuu eeran.
Damee diinagdeenis oomishtummaa qonnaa, carraa hojii uumuufi galii guddisuurratti hojjetamuu kaasan.
Bu’uuraalee misoomaan faayidaa hunda galeessa kan qabu misoomni kooriidariifi daandii hojjetamuu kan ibsan obbo Adam, haa ta’u malee naannichi dandeettii qabu sadarkaa barbaadamuun fayyadameera jechuun hin danda’amu jedhan.
Dhaabbileen cimuu dhabuun, walqoqqoodiinsi hayyootaa, seenessoonni qeenxeen guddinni naannichaa sadarkaa barbaadamuun akka hin ariifanneef danqaa ta’uu hubachiisaniiru.
Rakkoolee kanneen ka’umsa godhachuun qaamolee qooda fudhattootaa gidduutti waliigaltee uumuuf waltajjiiwwan qophaa’uu dinqisiifataniiru.
Yaadama ida’amuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf tokkummaa sabdaneessaa cimsuuniifi heddummina haalaan keessummeessuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Mallasaa Taaddalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.