Itiyoophiyaa fi Azaarbaajan tumsa isaanii caalmaatti cimsuuf ni hojjetu
Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Azaarbaajan tumsa Paarlaamaa hariiroo ummataa fi Invastimantiin qaban caalmaatti cimsuuf ni hojjetu.
Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoonn ergamaa addaa Pireezidaantii Rippaabliika Azaarbaajan Ambaasaaddar Elchiin Amiirbaayoo waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo diinagdee, Siyaasaa fi ummattoota biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’ataniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo qaban caalmaatti cimsuuf ni hojjetu jedhan marichaan.
Hariiroon biyyoota lamaanii waggoota dheeraa kan lakkoofsisee fi cimaa kan dhufeedha jedhan obbo Taaggasee Caafoon.
Ambaasaaddar Elchiin Amiirbaayoon gama isaaniin Itiyoophiyaa fi Azaarbaajan hariiroo isaanii caalmaatti cimsuuf ni hojjetu jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.