Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee Doolaara biiliyoona 1 mallatteessan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyyessa diinagdee tumsuuf kan oolu waliigaltee deeggarsa Doolaara biiliyoona 1 mallatteessaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Baankii Addunyaatti Daayrekterri damee Itiyoophiyaa Maariyaam Saaliim waliigalticha mallatteessuu ministieerichi ibsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen himeera.

Deeggarsi maallaqaa kun Baankiin Addunyaa fooyyessa diingadee Itiyoophiyaa tumsuuf murannoo qabaachuu agarsiiftuudha jedhe ibsichi.

Baankiin Addunyaa fooyyessa Diinagdee Itiyoophiyaa tumsuuf sagantaalee hojiirra oolchu keessaa deeggarsi maallaqaa fi yeroo turtii liqaa dheereessuun isaan tokko ta’uu ibsichi eereera.

Damee faayinaansii tasgabbeessuu, dorgomtummaa daldalaa guddisuu, tajaajiloota hawaasummaa waaraan mirkaneessuu fi kanneen biroon dhimmoota ijoo akka ta’e ibsame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.