Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Biraaziil damee qonnaan waliin hoijjechuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) –  itiyoophiyaa fi Biraaziil dame qonnaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu isaanii Biraazilitti Ambaassaaddarri Itiyoophiyaa Li’uulsaggad Taaddasaa ibsan.

Yaa’ii Biraaziil-Afirikaa 2ffaa irrattis itiyoophiyaan muuxannoo gama wabii nyaataa, ittisa beelaa fi misooma baadiyyaatiuin qabdu biyyoota Afirikaa fi Biraaziiliif ibsiteetti.

Biraazilitti Ambaasaaddarri itiyoophiyaa Li’uulsaggad Taaddasaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi biraaziil damee qonnaan waliin hojjechuu fi tumsa waloo qaban cimsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichi hojii gama qonnaan hojjetamu kan deggeru ta’uu fi hojiiwwan itti aananii hojjetamniif bu’aa akka qabu ibsameera.

Biraaziil dame qonnaan akka addunyaatti sadarkaa olaana irra ga’uu ishees ibsaniiru.

Yaa’iin amma taa’ame kun Biraaziil fi Afrikaan gama muuxannoo waljijjiirraa fi ce’umsa tekinooloojiin waliin akka hojjechuu akka danda’an kan argisiiseedha jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.