Itiyoophiyaa fi Eemireetoonni Araba Gamtoomanii michuuwwan jechaa fi gochaan walitti hidhamaniidha – Ambaasaaddar Jamaal Bakar
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018(FMC) – Itiyoophiyaa fi Eemireetoonni Araba Gamtoomanii michuuwwan jechaa fi gochaa qabatamaan walitti hidhamaniidha jedhan biyyatiitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar.
Daawwannaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Eemireetoota Araba Gamtoomaniitti taasisan seenaa qabeessaa fi hiikoo guddaa kan qabu ta’uu Ministeerri Haqaa Eemireetoonni Araba Gamtoomanii ibseera.
Eemireetoota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar Ministira Ministeera Haqaa biyyattii Abdullaahii Biin Sulxaan Biin Awaad Al Nuu’ayimii waliin dhimmoota tumsa seeraa fi haqaarratti mari’ataniiru.
Itiyoophiyaa fi Eemireetoonni Araba Gamtoomanii biyyoota michuuwwanii jechaa fi gochaa qabatamaan walitti hidhaman, wayita rakkoo fi qormaataa wal cinaa dhaabbatan ta’uu Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar eeraniiru.
Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar hojiilee riifoormii hundagaleessa Itiyoophiyaan sirna Haqaarratti gaggeessaa jirtu ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Ministira Ministeera Haqaa biyyattii Abdullaahii Biin Sulxaan Biin Awaad Al Nuu’ayimiin gama isaaniin daawwannaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Eemireetoota Araba Gamtoomaniitti taasisan seenaa qabeessaa fi hiikoo guddaa kan qabu ta’uu eeruun, kunis daawwannaa wayita naannawichi muddama olaanaa keessa jirtu ta’uu isaan iddoo addaatu kennamaaf jedhan.
Biyyi isaanii tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia