Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Faransaay hariiroo daldalaa cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Faransaay hariiroo daldalaa qaban caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Ministira bakka bu’aa Ministeera Daldala alaa fi Diinagdee Faransaay Nikoolaasa Foriinsiiyer waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.

Dhimmoota tumsa diinagdee, daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan misooma Indaastirii, Anniisaa Haaromuu, bu’uuraalee misoomaa, qonnaa fi ce’umsa Diijitaalaa dabalatee tumsaan kan hojjetan ta’u eerame.

Itiyoophiyaan damee Invastimantii caalmaatti cimsuuf imaammata fooyyessuu dabalatee hojiilee riifoormii dhaabbiilee hojjechaa jiraachuu ibsan obbo Ahimad Shideen maricharratti.

Nikoolaas Foriisiiyer gama isaaniin fooyyesa Diinagdee Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, Faransaay yeroo itti aanu hariiroo damee daldalaa, damee dhuunfaa fi Invastimantiin Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Bara Faranjootaa 2026 baatii Caamsaa keessa jilli Faransaay gara Itiyoophiyaa imaluun daawwannaa akka taasiisan marichaan waliigalameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.