Itiyoophiyaa fi Hindi hariiroo isaanii cimsachaa waliin ce’u, waloon milkaa’u, tumsaan guddatu – Naareendiraa Moodii
Naareendiraa Moodiin har’a walga’ii Idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii waloon gaggeessanirratti argamuun haasawa taasisaniiru.
Itiyoophiyaa fi Hindiin hariiroo obbolummaa, seenaa fi aadaa bara dheeraa qabaachuu kaasan.
Itiyoophiyaa fi Hindi hariiroo isaanii cimsachaa waliin ce’u,waloon milkaa’u, tumsaan guddatu jedhan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin ergaa dabarsaniin.
Aadaa fi haalli jireenyaa ummattoota biyyoota lamaanii waan hedduun kan walfakaatu ta’uu eeran.
Hariiroon Dippiloomaasii ammayyaa Itiyoophiyaa fi Hindii bara Faranjootaa1948 irraa kan eegale yoo ta’u, bara 1952 eegalee gara sadarkaa Ambaasaaddaraatti guddate.
Daawwannaan Ministira Muummee Naareendiraa Moodii yeroo ammaa kun hariiroo kana sadarkaa olaanaatti ol guddisaan eegama.
#Oromia #Ethiopia