Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan Shororkeessummaa dabalatee Yakkoota biroo waliin ittisuuf waliigalan
Finfinnee, Mudde 7, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan Shororkeessummaa,daddabarsa namootaa seeraan alaa fi Yakkoota daangaa ce’oo waloon ittisuuf waliigalaniiru.
Waliigalticha Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallash Gabramikaa’eeli fi Inispeektarri Poolisii Biyyaalessaa Ruwaandaa Jeneraal Feliiksi Naamuhoraniyeen mallatteessaniiru.
Dhaabbileen biyyoota lameenii teeknooloojjii fi dameelee garaagaraan muxannoo wal jijjiruun isaanii ibsameera.
Waliigaltichi yeroo gabaabaa keessatti hojiitti akkan galuuf dhaabbileen poolisii biyyoota lameenii koree Teeknikaa hundeessuu ragaan Poolisii Federaalaarra argame ni mul’isa.