Itiyoophiyaa fi Turkimeenistaan imaammata diinagdee fi faayinaansii irratti waloon hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Turkimeenistaan imaammata diinagdee fi faayinaansii irratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
Ministirri Ministeera Geejjibaa Fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen Ministira Diinagdee fi Faayinaansii Turkimeenistaan Maameetiguulii Astaanaaguloov waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis Yaa’ii 3ffaa Mootummoota Gamtoomanii Biyyoota Karra Galaanaa Hinqabnee qopheessummaa Turkimeenistaaniin gaggeeffamaa jiru cinaatti ta’uutu ibsame.
Dooktar Alamuu Simeen Wayita kana waa’ee Ajandaa fooyyessii Diinagdee mandhalee ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Fooyyessichi gufuulee diinagdee gooroo furuu fi qabeenya kuufamaa biyyattiitti fayyadamuuf utubaalee diinagdee ijoo irratti akka xiyyeeffate kaasan.
Itiyoophiyaan diinagdee bu’aa argamsiisuu danda’u ijaaraa akka jirtu eeruun, fooyyessichi omishtummaa guddisuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii bal’aa uumuu fi diinagdeen jiru damee daldalaa fi maanufaakchariingirratti akka bu’uureffatu akka ta’uuf kan kaayyeffate tarsiimoo hunda galeessaa ta’uu dubbataniiru.
Loojistiksii fi faayinaansii dabalatee dameewwan ijoo ta’an bilisa gochuun daldalaaf akka banaa ta’an, akkasumas invastimantiiwwan dagaagsuuf kan dandeessisu hammattoo imaammataa cimaan uumamuus eeran.
Maameetiguulii Astaanaaguloov gama isaaniin, bal’inaa fi kaayyoo fooyyessiiwwan Itiyoophiyaa dinqisiifachuun biyyoota guddachaa jiraniif fakkeenya akka ta’e himan.
Fooyyessiiwwan amansiisaa fi iftoomina qabu akkanaa irratti kan bu’uureffate bulchiinsa diinagdee diriirsuun miidhaa quubsumaa injifachuuf tooftaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Paakistaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar, karra galaanaa dhabuun baasii kaappitaalaa akka qaalessu, sodaa invastimantii akka dabaluu fi piroojektiiwwan bu’uuraalee misoomaaf murteessaa kan ta’e Invastimantii alaa kan gufachiisu ta’uu ibsaniiru.
Tumsa faayinaansii cimaa pirojektoota daldalaa fi loojistiksii qabatamaan deeggaruu fi kooriidaroota diinagdee haaraa uumuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuun, damee diinagdee fi faayinaansii irratti walta’iinsaan hojjechuuf waligalteerra ga’amuu Paakistaanitti Embaasiin Itiyoophiyaa ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.