Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin damee Qonnaan waloon hojjechuuf walii galan
Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin damee qonnaan waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteesan.
Waliigalticha Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen fi Ministirri Ministeera Qonnaa Xaaliyaanii Firaansiiskoo Looloobiriigidoon mallatteesaniiru.
Waliigaltichi tumsa biyyoonni laman duraan qaban caalmaatti kan cimsuu fi hojii funca Bunaa ammayyeessuu irartti xiyyeeffannoon hojjechuuf kan dandeessisuu akka ta’ee ibsameera.
Dooktar Girmaa Amanteen wayita kanatti ,waliigaltichi dandeettii fi dursummaa xaaliyaan qonnaa ammayyeessuuf qabdurra muuxannoo qoodachuuf kan deeggaruudha jedhan.
Firaansiiskoo Looloobiriigidoon gamasaaniin, Ce’umsa Teeknooloojii qonnaarratti waloon hojjechuuf waliigaltee dandeessisu mallatteessuu dubbataniiru,.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.