Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa heddummina yaadaan ijaaramte dhugoomsuuf waltumsuu qabna- Obbo Tamsgeen Xurunaa

Finfinnee,Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Itti aanaan Ministira Muummee FDRI obbo Tamasgeen Xurunaan Itiyoophiyaa heddummina yaadaan ijaaramte dhugoomsuuf waltumsuu qabna jedhan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan, Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad itti gaafatamummaa biyyaalessaa hedduu hogganuuniifi kitaaba barreessuun barumsa fakkeenya ta’u kennuu yaadachiisaniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri Waamamaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigees fakkeenyummaa Ministira Muummee hordofuun kitaaba “ Itiyoophiyaawwii Diimookiraasii Fillagaa” jedhu barreessuu isaanii dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaan baroottan darban biyya diimokiraasii dhabuun rakkachaa turte, ijoolleen ishees sirna olaantummaa yaadaan ijaarame diriirsuu hin dandeenye turan jedhan.

Kanarraa kan ka’e waraanniifi walitti bu’iinsi ibsituu keenya ta’aa turaniiru kan jedhan obbo Tamsgeen, kitaabni “ Itiyoophiyaawwii Diimookiraasii Fillagaa” gaaffii diimookiraasii Itiyoophiyaa barbaachisan kan akeeke ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya qaroomina gurguddoo fi ijaarsa ogummaa sabdaneessaa qabdu ta’uu ibsuu isaaniis TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan biyya uummata guddaa duudhaalee qarooman qabdu ta’uu kaasanii, kitaabichi qorannoo dabalataafi mariif carraa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Lammiin hundi ijaarsa Itiyoophiyaaf gaheesaa bahachuu akka qabu yaadachiisanii, Itiyoophiyaan rakkoolee ishee mariin furuuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.