Itiyoophiyaa hundaaf taatu ijaaruuf hojjetaa jirra – Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Sadaasa 14, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa hunda qixa hammattu, hirmaachiiftuu fi hundaaf taatu ijaaruuf hojjetaa jirra jedhan Ministirri Itti Gaafatamaa Damee Hariiroo Uummataa fi Idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Eenyummaa hammataa fi hirmaachisaa ta’e ijaaruun barbaachisaadha jedhan.
Afaanii, amantaalee, sabaa fi aadaan miidhagina malee madda garaartee ta’uu akka hin qabne ibsan.
Qaamoleen tokko tokko yaadan wayita injifachuu dadhaban aangoo argachuuf eenyummaa akka ce’umsaatti fayyadamu jedhan.
Eenyummaan namootaa kabajamuun adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti hammatamuu akka eeruun.
Tattaaffii eenyummaa ijaaruuf godhamu keessatti eenyummaan biyyaalessaa ijoo ta’uu qaba jedhan Dooktar Biqilaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.
Birhaanu Abarraatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.