Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa keessatti namni nama siyaasaa waan ta’eef hin hidhamu -Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa keessatti namni nama siyaasaa waan ta’eef hin hidhamu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsa Walga’ii Idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 42ffaa irratti kennaniin, Itiyoophiyaa keessatti namni nama siyaasaa waan ta’eef kan hin hidhamne ta’uu ibsaniiru.

Warreen kaaniif akkuma taasifne dogoggoran balleessaniiru osoo ilaalameefii kan jedhu rakkoo hin qabu, balleessaa hin balleessine kan jedhu yoo ta’e garuu dhimma isaanii  Manni murtii qabateera waan ta’eef manni martii haa xumuru jedhan.

Dhimma kana haala Kanaan ilaaluun barbaachisaa ta’uu kaasanii, akka waan balleessaa hin qabneetti kan ilaalaman yoo ta’e garuu rakkoo ta’uu ibsan.

Namoonni kunneen hidhamuurraa bu’aa Itiyoophiyaan argattu kan hin jirre ta’uu eeruun, seerri kabajamuu akka qabu hubachiisan.

Itiyoophiyaa keessatti namni gaazexeessaafi nama siyaasaa waan ta’eef har’as ta’ee boru kan hin hidhamne ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.