Itiyoophiyaa keessatti qaama karaa nagaa barbaaduuf karri nagaa ammallee banaadha- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa keessatti qaama karaa nagaa barbaaduuf karri nagaa ammallee banaadha jedhan Ministirri Muumme FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dhimma Nageenya Biyyaalesaarratti Dooktar Abiy ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, Itiyoophyaaf nageenyaa fi tasgabbii barbaachisaa; akkasumaas walitti bu’iinsi barootaaf turan xumura argachuu qabu kan jedhame sirrii ta’uu himan.
Itiyoophiyaan akka miila lamaan hindhaabbanne biyyoonni barbaadan akka jiran eeruun, kanneen guddina Itiyoophiyaa fi miila lamaan akka isheen hindhaabbannee barbaadaan waraanaan akka nu hin injifannee ni beeku jedhan.
Itiyoophiyaa sirnaan beekuu dhabuurraan fardeen hawwiin gulufaan, fedhii isaanii guuttachuuf diina waliin akka walta’an ibsaniiru.
Rakkoon kun bakka jirutti nageenya mirkaneessuun bu’aa bayii hedduu akka qabu himuun, akka mootummaatti qaama rakkoon jira jedhu waliin karaa kamiinuu akka mari’atamuuf tarkaanfiin fudhatamuu kaasaniiru.
Shaneen Oromoos ta’e, Shaneen Amaaraa ergamtoota kan jedhan Dooktar Abiy, tattaaffiin qaamolee kanneen waliin mari’achuu taasifamaa turuus yaadachiisnaiiru.
Rakkoolee bubbulaaniif karaa marii biyyaalessaan furuuf tarkaanfiin fudhatamuu kaasanii, kunis rakkoolee kana furuuf kan tumsu ta’uu himaniiru.
Kanneen miidhamneerra jedhaniif ce’umsa haqaan akka furamu, kanneen hidhannoon jiran ammoo hidhannoo hiikkachuun hawaasatti makamuun akka nageenyi dhufu yaalameera jedhan.
Yeroo walta’an rakkooleen hunduu furamaa deema jedhanii, yoo ida’amne, yoo waltaane Itiyoophiyaaf akka wayyu dubbatan.
Itiyoophiyaa keessatti qaama karaa nagaa barbaaduuf karri nagaa ammallee banaadha jedhan.
Itiyoophiyaan gaafa itti bareedu kan iji diimatu, Hidhi Haaromsaa gaafa xumuramu walitti bu’iinsa uuma kanneen jedhan, gaafa karri galaanaa gaafatamu kanneen morman, badhaadhina Itiyoophiyaaf kan dhamaane, ofii isaa mangoo ofiin jedhus inni eebicha jedhaniiru.
Dabalaa Taaddasaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.