Itiyoophiyaa kufaatiirraa baraaruun daandii imala badhaadhinaa jalqabsiifneerra- Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC)- Hojii filannoo hanga filannootti waadaa gochaan dhugoome hojjenneen Itiyoophiyaa kufaatiirraa baraaruun daandii imala badhaadhinaa jalqabsiifneerra jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraan.
Egzibiishiniin raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti xiyyeeffatu mata duree “Waadaa gochaan: Filannoo hanga Filannootti” jedhu Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti banameera.
Obbo Kaffaaloo Tafarraan wayita kana Mootummaan keenya boqonnaa walwaraansaafi wal ajjeechaa cufee, nagaa waaressuuf ejjennoo qabatee hojii biyya gaggeessuu kan eegale yoo ta’u maree biyyaalessaa jalqabsiisuun ashaaraa dhalootaaf darbu kaa’uun danda’ameera jedhan.
Sagantaa, Tarsiimoofi imaammata falaasama Ida’amuun masakameen waggoota Shanan darban filannoo irraa eegalee hanga filannootti injifannoowwan qaqqaaliin galmaa’uu yaadachiisaniiru.
Icciitiin injifannoo kanaas hoggansa yaadee karoorsuufi hojjetee milkeessu qabaachuu cinaatti uummata mootummaa isaa dhaga’u qaba akka ta’e eeran.
Uummatni Oromoo, sabootniifi sablammoonni naannoo keenyaa qormaatota dura dhaabbachuun maksanii injifannoo aarsaa qaaliin dhufes tiksanii imalli badhaadhinaa akka bu’uuraawu taasisaniiru jedhan.
Hojiin gama hundaan naannichatti hojjetamee fi injifannoo qabatamaan gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan galmaa’aa dhufe imala Oromiyaa ijaaruu, Itiyoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuuf qabanne milkeessuu kan dandeenyu ta’uu raggaasiseera jechuun ibsaniiru.
Kanaanis hojii filannoo hanga filannootti waadaa gochaan dhugoome hojjetameen Itiyoophiyaa kufaatiirraa baraaruun daandii imala badhaadhinaa jalqabsiisuun akka danda’ame ibsan.
Hojii barii jijjiiramaa irraa eegaluun hojjenneen mootummaa injifataafi saba injifannoo tikfatu qabaachuu keenya firaafis diinaafis mirkaneessineerra jedhan.
Injifannoon kun damee hundaan cimee akka itti fufuuf mootummaan kutannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneessuun, uummatnis injifannoo kana akka tikfatu, caasaalee nageenyaa waliin qindaa’uun nageenya isaa akka eeggatuufi misooma jalqabame akka itti fufsiisu waamicha dhiyeessaniiru.
Ijaarsa sirna dimokirasii eegalleef mootummaan sagalee uummataan ijaaramu murteessaa waan ta’eef uummatni yeroon Kaardii filannoo fudhachuun mootummaa isaa tikfachuuf qophii gahaa taasisuun murteessaadha jedhan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia