Itiyoophiyaa oomisha bunaan adda duree taasisuuf hojjetamaa jira – Abbaa Taayitichaa
Finfinnee, Sadaasa 26, 2018 (FMC)- Oomishtummaa bunaa guddisuun Itiyoophiyaa adda duree taasisuuf hojjetamaa jira jedhe Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee.
Daayrektara Itti aanaafi Itti gaafatamaan damee bittaaf gurgurtaa Abbaa Taayitichaa Shaafii Umar akka jedhanitti, gama oomishtummaa bunaa guddisuun hojiin fakkeenya ta’u hojjetamaa jira.
Bara baajataa darbe bunni toonii kumni 400 fi kumni 70 ol gabaa alaaf dhiyaachuun galii Doolaarri biiliyoonni 2 fi miiliyoonni 600 argamuu yaadachiisanii, bara baajataa kanatti galii Doolaara biiliyoona 3 ol argamsiisuuf karoorfamuu himan.
Kurmaana jalqabaa kanatti galii Doolaarri miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 62 argamuus kaasan.
Oomishtummaa guddisuun cinaatti bakka ga’umsa gabaa bunaa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, gabaa haaraa keessa galuuf tarsiimoon bocamee hojiirra ooluu dubbataniiru.
Barbaadamummaan bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti qabu guddachaa dhufuu kaasanii, oomishtummaa guddisuun addunyaarraa biyya buna Arabiikaa sadarkaa olaanaan dhiyeessitu akka taatuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Bunni qulqulluun karaa seera qabeessaan gabaa alaaf akka dhiyaatuufi diinagdee biyyaa akka utubuuf qaamoleen qooda fudhattootaa tumsuu akka qaban dhaamaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna