Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf murannoo dinqisiifamu agarsiifte – Faraay Ziimdiizii

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2018(FMC) – Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf murannoo dinqisiifamu agarsiifte jedhan Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa Faraay Ziimdiiziin.

Tattaaffii Itiyoophiyaan taasisaa jirtu kana Dhaabbanni Nyaata Addunyaa deeggaraa jiraachuu dubbatan.

Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuu dabalataan Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaan hojiin hojjetaa jirtu kan dinqisiifamu ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan Invastimantii qonnaaf biyya mijattuu ta’uu ishee eeruun, abbootiin qabeenyaa damicharratti bobba’uun imala wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa yeroo itti aanu hojiilee Itiyoophiyaan damichaan hojjetuuf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uus mirkaneessaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.