Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaaf waloomni iccitii guddummaa fi birmadummaati- Aadde Sa’aadaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC)- Qaammeen 2 Guyyaan Gamtaa sadarkaa Naannoo Oromiyaatti mata duree “Heddumminni Faayaa Itiyoophiyaa” jedhuun Magaalaa Shaashamanneetti sirnoota garaa garaan kabajamaa jira.

Saganticharratti argamuun haasawaa kan taasisan Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan Itiyoophiyaan biyya sabdaneettii, afdaneettiifi seenaaf aadaa garaagaraa qabdu biyya ijaarsa ishee dhawaata dhawaataan walooma gabbifachaafi qormaata sirna qeenxee qolachaa walharkaa fuudhinsa dhalootaan har’a geesse ta’uu ibsaniiru.

Biyyatiif waloomni jecha qofa osoo hin taane jireenya dhugaa ta’uu himuun, seenaan darbe kan nutti agarsiisu injifannoon dhuka seenaa irratti saboota, sablammootaafi uummattootaan galmaa’aa dhufe bu’aa waloomaa ta’uu isaa fi Itiyoophiyaaf waloomni iccitii guddummaafi birmadummaa ta’uu himaniiru.

Seenessi waloo bu’uura qabachaa fi seenessi sirna qeenxee diigamuu itti fufuufi kana kan taasise humna sabdaneessummaa ta’uu himuun, Barii jijjiiramaa irraa eegalee mootummaan imaanaa uummataa hojiitti hiikuuf rifoormii gurguddaa hojiirra oolchee jecha gochaan dhugoomsaa jiraachuu dubbataniiru.

Biyya gaaga’amaafi walwaraansaan diigamuurra geesse baraaruun gara nagaa waaressuufi imala badhaadhinaa milkeessaa jirtutti ceesisuun injifannoo guddaa ta’uu kaasuun, ce’umsi kun hooggansa tarsimaa’aa waan argateef milkaa’e; injifannoon galmaa’aa jira jedhan.

Ce’umsi bu’uura uummataa qabu kun amansiisaa ta’uu eeruun, dhaloota itti aanus bu’uura jabaa irratti kan ijaaru ta’uu kaasaniiru.

Qormaata mudatan hunda cichinee waloomaan qolachuun badhaadhina hawaasummaa gama hundaan ijaaruu, dhaabbilee sirna dimokiraasii bu’uura amansiisaa irratti dhaabuu, sirna haqaa amansiisaa diriirsuufi imala badhaadhina eegalame milkeessuun biyya fakkii badhaadhinaa taate ijaaruun akka danda’amu Aadde Sa’aadaan himaniiru.

Bu’uurri hawaasummaa uummataas walooma, kabajaa fi jaalala yoo ta’u, waloomni icciitii guddummaa keenyaa ta’uus kan nuuf mirkaneessu ta’uu himuun, waliin turre, Waliin jirra; boruufis Waliin jiraanna waan ta’eef kan jalqabne hunda waliin ni xumurraa xombora ifa badhaadhinaas dhiyootti ni ibsina jechuun dhaamuu isaanii ragaan BKO irra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.