Itiyoophiyaafi Chaayinaan damee haqaan tumsa isaanii cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaafi Chaayinaan damee haqaan waliigalteewwan ijaarsa dandeettii hojiirra oolchuun tumsa isaanii cimsuuf waliigalaniiru.
Jilli Ministira Ministeera Haqaa Haannaa Ara’ayaasillaaseen durfamu fooramii Abbootii Alangaa Chaayinaa- Afrikaa irratti hirmaachuuf Chaayinaa magaalaa Guwaanjuu galeera.
Ministirri Ministeera Haqaa Haannaa Ara’ayaasillaaseen fooramichaan dura Abbaa Alangaa Waliigalaa Chaayinaa Yuungi Yoongi waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Itiyoophiyaafi Chaayinaan waliigalteewwan tumsaa dhimmoota yakkaa irratti waliif mallatteessan hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Ministiroonni Haqaa biyyoota lameenii damee haqaan hojiilee ijaarsa dandeettii hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu yaadachiisanii, yeroo itti aanutti tumsaan caalmaatti hojjechuuf waliigaluu isaaniis Ministeerichi Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.