Itiyoophiyaafi Chaayinaan tumsa misoomaa cimsuuf mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaafi Chaayinaan tumsa misoomaa waloo haal cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen michummaa biyyoota lameenii cimsuuf Dura Taa’aa Itti aanaa Ejensii Tumsa Idil-addunyaa Chaayinaa Liyuu Yuunfeengi waliin mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shideen fooyyessii diinagdeefi ajandaalee misoomaa Itiyoophiyaa irratti ibsa kennuun, tumsi biyyoota lameenii cimuun guddina waaraafi jijjiirama caaseffamaa fiduuf qooda olaanaa qabaachuu eeran.
Liyuu Yuunfeengi gama isaaniin, Chaayinaan fayinaansiin, teekinikaafi ijaarsa dandeettiin Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Qaamoleen lameen dameewwan bu’uuraalee misoomaa Baaburaa, qonnaa, misooma diijitaalaa, indaastirii fi fayyaa irratti tumsa qaban haala cimsuun danda’amu irratti mari’achuun ibsameera.
Michummaa biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hariiroo dhaabbattummaa cimsuuf waliigalaniiru.
Oromia #Ethiopia