Itiyoophiyaafi Jappaan tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Bitootessa 30, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaafi Jappaan tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigalaniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad jila Gorsaa Addaa Ministira Muummee Jaappaan Oyuu’ii Saadmaasaan durfamu waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin karaa faayidaa biyyaalessaa biyyoota lameenii, fedhii waloofi duudhaalee biyyoota lameenii kabachiiseen dhimmoota nageenyaa irratti qindoominaan hojjechuu danda’anirratti mari’atan.
Injinar Ayishaa Mahaammad wayita kana kaka’umsa Jaappaan tumsaaf agarsiifte dinqisiifachuun Itiyoophiyaan tumsa loltummaa michummaa dhugaafi fayyadamummaa waloo irratti hundaa’e cimsuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Tumsi kun michummaa waggoota dheeraa biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisu amantaa qabaachuus ibsaniiru.
Oyuu’ii Saadmaasaan gama isaaniin, Itiyoophiyaan hojiilee Afrikaa Bahaafi sadarkaa ardiitti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf hojjettu dinqisiifataniiru.
Muuxannoo kabachiisa nageenyaa irratti isheen qabdu ilaalcha keessa galchuun Jaappaan damee Kanaan Itiyoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf fedhii guddaa qabaachuu mirkaneessaniiru.
Jaappaan dandeettii Giddugala Kabachiisa Nageenyaa Itiyoophiyaa ijaaruuf deeggarsa gochuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Leenjiifi wal jijjiirraa muuxannoon gahumsa ogummaa humna namaa Raayyaa Ittisaa guddisuuf kutannoo qabaachuus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia