Itiyoophiyaafi Kuwaataar tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 17, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad Kuwaataar magaalaa Dohaatti daawwannaa hojii taasisaa jiru.
Injinar Ayishaa Mahaammad turtiisaaniin Ministira Muummee Itti aanaafi Ministira Raayyaa Ittisaa Kuwaataar Sheek Saa’ud Biin Abdurahimaan Biin Hasan Al Taanii waliin mari’ataniiru.
Marichaan biyyoonni lameen hariiroo dippiloomaasii fi faayidaa waloof tumsa qaban guddisuu akka barbaadan ibsaniiru.
Keessumaa damee loltummaan tumsa isaanii guddisuufi cimsuuf haala danda’amurratti mari’achuu Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
Dameewwan invastimantiifi ijaarsa dandeettii irrattis tumsa isaanii cimsuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.