Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Kuwaataar tumsa invastimantii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Kuwaataar tumsa invastimantiifi misoomaa cimsuuf waliigalan.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Walga’ii waggaa Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa cinaatti gitasaanii Kuwaataar Alii Biin Ahimad Alkuwaarii fi Daayrektara Olaanaa Fandii Misoomaa Kuwaataar Fuhaad Hamaad Alsuulaayiti waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin biyyoota lameen gidduutti hojiilee bu’uuraalee misoomaa, invastimantiifi hojiilee misoomaa biroon tumsa tarsiimawaa uumuufi tumsa qaban haala guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiidee wayita kana carraan invastimantii Itiyoophiyaa guddachaa dhufuu ibsuun, keessumaa indaastirii oomishaa, qonna, tuurizimiifi dameewwan biroo keessatti yoo bobba’an deeggarsi barbaachisaan kan taasifamuuf ta’uu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaan michummaa Kuwaataar waliin qabduuf iddoo olaanaa akka kennitu eeranii, tumsa gamlamee biyyoottan lameenii cimsuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Kuwaataar Alii Biin Ahimad Alkuwaarii gama isaaniin, fooyya’iinsa diinagdee Itiyoophiyaa dinqisiifachuun pirojektiiwwan daldalaafi invastimantii irratti tumsaan hojjechuuf dandeettiin jira jedhan.

Biyyi isaanii hariiroo gam-lamee Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii guddaa qabaachuus kaasaniiru.

Fandiin Misoomaa Kuwaataar pirojektoota guddina hammataa mirkaneessuu, akkasumas daldalaafi invastimantii guddisuuf dandeessisan deggaruuf qophii ta’uu kan ibsan ammoo Daayrektara Olaanaa Dhaabbatichaa Fuhaad Hamaad Alsuulaayitiidha.

Qaamoleen lameen biyyoota lameen gidduutti tumsa cimaafi yeroo dheeraa uumuuf pirojektoota misoomaa adda baasuuf kan gargaaru garee teeknikaa hundeessuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama: t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.