Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Moozaambiik hariiroo loltummaa isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaafi Moozaambiik hariiroo yero dheeraa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigalaniiru.

Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad gita isaanii Moozaambiik Meejer Jeneraal Kiriistoovaa Artur Chumeen waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaa fi Moozaambiik hariiroo Seenaa fi loltummaa baroota lakkoofsise akka qaban kaasanii, gara fuulduraatti dameelee tumsa loltummaa adda addaan walin hojjechuuf Itiyophiyaan akka feetu dubbataniiru.

Meejer Jeneraal Kiriistoovaa Artur Chumeen gama isaaniin, Moozambiik hariiroo seena qabeessa Itiyophiyaa waliin qabduuf iddoo guddaa akka kennitu eeraniiru.

keessumaa shororkeessummaa ittisuuf, dameelee industirii loltummaan, leenjii fi Suphiinsa balaliin, akkasumas dameelee nageenya Saayibariin waliin hojjechuuf fedhii qabdi jedhan.

Yeroo dhiyoottis jila tokko gara Itiyoophiyaatti erguun hojiiwwan hariiroo dhaabbatummaa Cimaa uumuu akka hojjetaman hubachiisuu isaanii Miidiyaan onlaayinii Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.