Itiyoophiyaafi Sa’ud Arabiyaan haala hariiroo isaanii cimsuu danda’anirratti mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 16, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Sa’ud Arabiyaa Waaliid Alkeereeji waliin mari’ataniiru.
Hoggantoonni lameen hariiroo waggoota dheeraa biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurratti mari’atan.
Dabalataan dhimmoota nageenyaafi tasgabbii naannawaa faayida waloo biyyoota lameeniirratti hundaa’e irrattis mari’ataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.