Itiyoophiyaan Afrikaarraa bakka gahumsa gabaa Inshuraansii ta’uuf hojjechaa jirti- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Caamsaa 18, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan Afrikaarraa bakka gahumsa gabaa Inshuraansii filatamtuu ta’uuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Konfiransiin waggaa Dhaabbata Inshuraansii Afrikaa 51ffaafi Yaa’iin Waliigalaa dhaabbatichaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Obbo Tamasgeen Xurunaan haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, biyyoonni hedduun dhiibbaa idaa fi madaala eeguu dhabuu madaala baajataan irraan kan ka’e qormaataaf saaxilamuu kaasanii, kunis dhaabbilee inshuraansiif yaaddoo guddaadha jedhan.
Qormaata kana injifachuuf tooftaalee furmaataa barbaaduuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Inshuraansiin Afrikaa fooyya’uufi cimuu akka qabu ibsuun, guddina diinagdee ardichaaf utubaa ta’uu akka qabuu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan riifoormii diinagdee man-dhaleen diinagdee qormaatilee dandamatuufi ammayyaa ijaaraa, dorgomtummaa guddisaa, damee dhuunfaa hirmaachisaa akka jirtus eeraniiru.
Dirreen waaraafi amansiisaan kalaqa jajjabeessu, daldala guddisuufi invastimantii hawwatu uumamaa akka jiru himaniiru.
Milkaa’ina kanaaf sirni faayinaansii cimaan jiraachuun murteessaa ta’uu kan kaasan obbo Tamasgeen Xurunaan, mootummaan kana hubachuun tarkaanfiiwwan jijjiiramaa fudhachaa jira jedhan.
Itiyoophiyaan haalawwan mijatoo haaraa mijeessaa akka jirtu eeruun, mootummaan dhiyeenya kana itti fayyadamaafi abbummaa qabeenya hin sochoone irratti wixinee labsii qopheessuu yaadachiisaniiru.
Wixineen kunis manneen jireenyaa, bu’uuraalee misoomaafi Riil Isteetiin faayinaansiifi inshuraansiif carraa gaarii kan uumu jedhaniiru.
Kanaaf invastaroonni Itiyoophiyaatti hojjechuuf yeroon sirriin amma ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan Afrikaarraa bakka gahumsa gabaa inshuraansii ta’uuf qophii ta’uu eeruun, milkaa’ina isaaf mootummaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.
Tattaaffii Dhaabbanni Inshuraansii Afrikaa tajaajilli inshuraansii ardichaa akka guddatuuf taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Leeykuun Almatu gabaase.