Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa misoomaan walitti hidhuuf hojjechaa jirti- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan biyyoonni Afrikaa misoomaan haaloota walitti hidhamu danda’anirratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.

Sagantaan cuufinsa Fooramii Carraa hojii uumuu Afrikaa gaggeeffamaa jira.

Fooramichi Qopheessumaa Ministeera Hojii fi Ogummaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa tureera.

Saganticharratti obbo Adam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan akkaataa biyyoonni Afrikaa misoomaan walitti hidhamanirratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti.

Keessattuu Dargaggoonni biyyoota Afrikaa misooma, diingadee fi carraa hojii uumuun haaloota waliin hojjechuu dand’anairratti hojjetamaa jira jedhan.

Fooramiin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa qaama kana ta’uu eeruun, yeroo ammaa biyyoonni Afrikaa diingadee fi misoomaa biroorratti tumsi qaban cimaa dhufuun biyyoonni kunneen qabeenya uumamaa misoomsuun faayidaarra oolchuuf gahee olaanaa qabaachuus dubbachuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.