Itiyoophiyaan damee anniisaa haaromfamaan hojii guddaa hojjechaa jirti- Dooktar Geediwoon Xiimootiwoos
Finfinnee, Ebla 2, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan damee anniisaa haaromfamaan hojii guddaa hojjechaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediwoon Xiimootiwoos.
Dooktar Geediwoon Xiimootiwoos Fooramii Inarjiifi Qabeenya Qilleensaa Idil-addunyaa Viyeenaatti gaggeeffame irratti haasawaa taasisaniin, Afrikaan dandeettii inarjii haaromfamaa bal’aa qabdutti gargaaramuun fi albuudota irratti sona dabaluun hanga gadi lakkifama kaarboonii hir’isuun gara guddina indaastiriitti ce’uuf carraa qabaachuu ibsaniiru.
Hanqina waliin gahiinsa inarjii, rakkoolee bu’uuraalee misoomaa fi rakkoolee gabaa dabalatee hudhaalee biroo furuun barbaachisaa ta’uus hubachiisan.
Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamaa irratti hojii guddaa hojjechaa jiraachuufi paarkiiwwan indaastirii naannoof mijataa ta’an babal’isuun %95 ol anniisaa qulqulluu maddisiisuuf hojjechaa jirti jedhan.
Itiyoophiyaan misooma diinagdee magariisaa irratti kutannoo cimaa akka qabdu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Fooramichaan cinaatti gitasaanii Sudaan Kibbaa fi Oostiriyaa waliin dhimmoota gamlameerratti mari’achuus ibseera.
#Oromia # Ethiopia