Itiyoophiyaan damee bunaan milkaa’ina seena qabeessa galmeessisaa jirti – obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) – Milkaa’inni Itiyoophiyaan damee bunaan galmeessisaa jirtu seena qabessaa fi humna diinagdee kan ummeedha jedhan Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.
Agarsiisini fi sagantaan beekmatii bunaa sadarkaa biyyaalessaatti har’a geggeeffamuu eegaleera.
Obbo Tamasgeen wayita saganticha banan akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf bara 2017 buna toonii kuma 400 fi kuma 70 gara alaatti erguun Doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.65 argachuu dandeesseetti.
Bara baajetaa eegalame kanattis buna toonii kuma 600 erguun Doolaara Ameerikaa biiliyoona sadii ol argachuuf karoorfamuus eeraniiru.
Mootummaan oomishtummaa fi qulqullina bunaa fooyyessuuf iniisheetiivii bocuun hojiirra oolchaa kan jiru yoo ta’u, waggoottan torban darban biqiltuu bunaa biiliyoona sagal dhaabuu, buna dulloomaa lafa heektaara kuma 700 irra jiru gamashuu fi hojiiwwan biraa hojjechuun oomishtummaan bunaa yeroo irraa yerootti fooyya’aa dhufuu akka danda’e dubbataniiru.
Kanaan dura buna toonii kuma 300 oomishuuf dhiphachaa kan turre amma toonii miiliyoona 1.2 oomishuurra geenyeerra jechuun ibsan.
Damicha caalmaatti ammayyeessuuf hojiin abbootii qabeenyaa muraasaan eegalame teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun hektaaraatti buna kuntaala 60 argachuu danda’uun, biyyi keenya yeroo dhiyootti biyyoota buna oomishuun duree ta’an keessaa tokko ta’uuf karoora qabatte milkeessuu akka dandeessu agarsiistuu tokko dha jedhan.
Laykun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.