Itiyoophiyaan Damee hubannoo namtolchee ijaaruufi hogganuuf hojjetaa jirti- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Guraandhala 9, 2018 (FMC) –Itiyoophiyaan Damee hubannoo namtolchee ijaaruufi hogganuuf hojjetaa jirti jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamsgeen Xurunaan guyyaa har’aa Giddugala Poodii Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee( AI UniPod) hojii eegalchiisaniiru.
Itiyoophiyaan damee hubannoo namtolchee kan ijaartu, qooda ishee bahattuufi hoggantu akkasumas gara fuula duraatti tarkaanfachuuf boqonnaa haaraa kan saaqxu ta’uu eeraniiru.
Giddugalichi teeknooloojiiwwan Afrikaanotaaf ta’an ijaaruun addunyaaf qooduu kan dandeessisu ta’uu kaasanii, kunis bu’uura biyyaalessaa kan kaa’u qofa osoo hin taane fedhii ardicharratti qabnu kan ittiin ibsinudha jedhan.
Kana malees meeshaalee hubannoo namtolchee waqtaawoo akkasumas caasaalee sadarkaa indaastiriitti jiraniin kan gurmaa’e ta’uu dubbatan.
Unipod Itiyoophiyaa teeknooloojii fayyadamuurraa gara kalaquutti, meeshaalee damichaa madaqsuurra diizaayinii mataa keenyaa uumuu, diinagdee diijitaalaa keessatti hirmaachuu qofa osoo hin taane kallattii isaa jijjiiruutti kan ceesisudha jedhaniiru.
Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 waliin kan walsimuu fi ajandaa fooyya’iinsa diinagdee mandhalee kan guddisu ta’uus ibsaniiru.
Giddugalichi tumsa Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa, Yuuniivarsiitii Finfinnee fi Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtoomaniitti Inisheetiivii Tiimbuuktuun dhugoomuu eerameera.
Layikuun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.