Itiyoophiyaan deeggarsa ajandaa qabeenya qaamolee bishaanii IGAD’f taasistu cimsitee itti fufti
Finfinnee, Hagayya 6, 2017(FMC) – Ministeerri Qonnaa Itiyoophiyaan deeggarsa ajandaa qabeenya qaamolee bishaanii Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa/IGAD’f taasistu cimsitee itti fufti jedhe.
Korri qorannoo qabeenya qurxummii naannawaafi qabeenya qaamolee bishaanii IGAD irratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaan wayita kana akka jedhanitti, pirojektoonni qabeenya bishaanii akka Hidha Guddicha Haaromsaa carraalee bishaanii haaraa uumaa jiru.
Karoora waggoota 10 misooma qurxummiifi misooma qabeenya lafa jalaa ibsuun, dandeettii qaamolee bishaanii namtolcheefi uumamaa guddisuun misooma qurxummiirratti bu’aa gaariin galmaa’uu eeraniiru.
Sagantaa maaddii guutuun misooma qurxummii, dammaa, hanqaaquufi aannaniirratti jijjiiramni guddaan dhufuus yaadachiisan.
Daayrektarri Eegumsa Naannawaafi Damee Qonnaa IGAD Daahir Eeliin gamasaaniin, dandeettiin naannawichi waggaatti qurxummii oomishuu danda’u toonii miiliyoona 3.5 ta’us yeroo ammaa oomishamaa kan jiru toonii miiliyoona 1 qofa akka ta’e ibsan.
Rakkoon bulchiinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaa fi itti fayyadamni oomisha qurxummii dadhabaa ta’uun rakkoolee ijoo akka ta’an hubachiisan.
Masaafint Birilleen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.