Itiyoophiyaan diinagdee magariisaa waaraa tarsiimoon hogganamu ijaaruuf hojjechaa jirti- Dooktar Alamuu Simee
Finfinnee, Mudde 18, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan diinagdee magariisaa waaraa tarsiimoon hogganamu ijaaruuf hojjechaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.
Fooramiifi Egzibiishiniin Sosochii Itiyoophiyaatti faalama hiri’suu 2025 eegalameera.
Dooktar Alamuu Simeen wayita kana Fooramiifi Egzibiishinin kun ce’umsa Itiyoophiyaan gara diinagdee magariisaatti taasistuuf agarsiistuu ta’uu ibsan.
Hojii Itiyoophiyaan diinagdee jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu ijaaruuf hojjechaa jirtu keessatti dameen geejjibaa ce’umsa gaariirratti akka argamu eeraniiru.
Baaburri humna haaromfamaan akka hojjetu gochuu, konkolaattonni moofaan akka biyya hin seenne dhorkuun, lakkoofsa konkolaattota elektirikaa guddisuu danda’uun akkasumas gaaziin oomishamuu eegaluun agarsiistuu ce’umsa kanaa ta’uu kaasaniiru.
Hojiin diinagdee magariisaa Itiyoophiyaa karooraafi bu’an kan lakkaa’amu akka ta’uuf tarsiimoon geejjiba mootora malee waggaa 10 bocamuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Misooma humna haaromfamaa babal’isuun konkolaattonni elektirikaa kumni 500 bara faranjootaa 2030 hojii akka eegalan gochuuf hojjetamaa jira jedhan.
Dabalataanis boba’aan xiyyaaraa haaromfamaan akka jiraatuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Laykun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.