Itiyoophiyaan Dorgommii Atileetiksiin Meedaaliyaa 12 galmeessuun dorgommicha xumurte
Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC)- Angoolaa Luwaandaatti gaggeeffama kan jiru Olompikii Dargaggoota Afrikaa 4ffaarratt Itiyoophiyaan Dorgommii Atileetiksiin meedaaliyaa 12 galmeessuun dorgommicha xumurteetti.
Dorgommichaan Itiyoophiyaan Warqee 4, Meetii 3 fi Nahasii 5 dorgommii Atileetiksiin kan galmeessite yoo ta’u, Dippiloomaa 8‘s argatteetti.
Itiyoophiyaan Dorgommii Atileetiksiin Atileetoota 25 hirmaachiisuun ibsameera.
Jilli Atileetiksii Angoolaa Luwaandaa ture kun guyyaa Boruu Finfinnee kan galu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.