Itiyoophiyaan dorgommii Ispoortii Aadaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa Afrikaa akka qopheessitu filatamte
Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf dorgommii Ispoortii Aadaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa Afrikaa akka qopheessitu filatamte.
Yeroo dhihoo miseensummaa Konfedereshiinii Ispoortii Aadaa Afrikaa kan argatte Itiyoophiyaan dorgommii Ispoortii Aadaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa Afrikaa qopheessuuf waliigaltee mallatteessiteerti.
Waliigalteen kun guddina Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraadha jedhan Pireezidaantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Aadde Hiwoot Mahaammad.
Sadarkaa Afrikaatti dorgomtummaa Itiyoophiyaan roga Ispoortii Aadaan qabdu guddisuufi hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu guddisuuf gahee qabaachuu ibsan.
Itiyoophiyaan qopheessituu dorgommii Ispoortii Aadaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa Afrikaa 2026 ta’uun filatamuun Federeeshinii Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaafi Konfedereshiinii Ispoortii Aadaa Afrikaa giddutti magaalaa Hararitti waliigalteen mallatteeffameera.
Dorgommiin Ispoortii Aadaa Afrikaa Itiyoophiyaan qopheessitu kun gosoonni Ispoortii aadaa calaqqee Afrikaanotaa ta’an bakka itti ifanii mul’ataniifi dargaggoonni Afrikaa iddoo itti aadaa isaanii itti wal jijjiiran ta’uu ibsame.
Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Makiyyuu Mahaammad gama isaaniin, waliigalteen kun Ispoortiin aadaa Itiyoophiyaa gabbachuun sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti ifee akka mul’atuuf gahee guddaa qabaachuu kaasan.
Dura taa’aan Konfedereshiinii Ispoortii Aadaa Afrikaa Kiiy Kamaatuwaanis, Itiyoophiyaan iddoo argama aadaa fi duudhalee Afrikaafi gosoota ispoortii aadaa hedduun badhaate ta’uu isheen filatamuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan miseensummaa Konfedereshiinii Ispoortii Aadaa Afrikaa argachuun Afrikaaf humna guddaa ta’uus ibsaniiru.
Dorgommii Ispoortii Aadaa Afrikaa seena qabeessa ta’e kana qopheessuuf qophiin gahaan kan taasifamu ta’uu Pireezidaantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Aadde Hiwoot Mahaammad mirkaneessaniiru.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia