Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya bishaanirratti hojiilee bu’aa qaban hojjetaa jirti – Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya bishaanii fi Itti fayyadama isaarratti hojiilee bu’aa qaban hojjetaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan.
Torbeen Bishaanii fi Inarjii 2ffaan magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.
Hojiin Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya bishaanii fi misooma anniisaarratti hojjetaa jirtu biyyoota biroof fakkeenya kan ta’uudha jedhan Dooktar Injinar Habtaamuun sagantaa eegalchiisa torbichaarratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Torbeen Bishaanii fi Inarjii kun guyyoottan shanan itti aananiif agarsiisaa fi marii Paanaaliin kabajama.
Dhimmoota Itti fayyadama qabeenya bishaanii, bulchiinsaa fi itti fayyadama lageen daangaa ce’oorratti mariin Paanaalii kan gaggeeffamu ta’uutu ibsame.
Leeyikun Alemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.