Itiyoophiyaan egereen ishee bu’uura amansiisaarra akka dhaabbatuuf dhimmoota biyyaalessaa murteessaa ta’an irratti mari’achaa jirti- TKM
Finfinnee, Caamsaa 24, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan egereen ishee bu’uura amansiisaarra akka dhaabbatuuf dhimmoota biyyaalessaa murteessaa ta’an irratti mari’achaa jirti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Akka ibsa tajaajilichaatti, Itiyoophiyaafi Itiyoophiyaanonni rakkoolee isaanii walxaxoo ta’an mariin furuuf tarkaanfii cimaa fudhatanii ka’aniiru.
Itiyoophiyaan dhimmoota waliif faallaafi walitti bu’iinsa hamaa keessa darbaa akka turte kan yaadachiise tajaajilichi, keessumaa waggoottan dheeraaf dhimmoota biyyaalessaarratti siyaasaafi kutaalee hawaasaa gidduu garaagarummaafi waldhabdeen tureera jedhe.
Karaan waldhabdeewwan kanneen itti furamaa turan karaa wal amantaa hin uumne waan ta’eef waraanaafi walitti bu’iinsa keessaa akka hin bane taasisuu kaaseera.
Karaaleen walitti bu’iinsaa kunneen miidhaa guddaa geessisuufi shaakalliiwwan waggoota dheeraaf turan mul’atawwan gurguddoo waloo akka hin milkeessine gufuu ta’uu ibseera.
Karaaleen kunneen kan tokko jalqaberratti ijaaraa deemne osoo hin taane yeroo maraa zeeroorraa akka eegallu, dhaabbileefi utubaalee bu’uuraa biyyaa irratti amantaafi abdii waloo akka hin qabaanne nu taasisaa tureera jedhe.
Itiyoophiyaanonni mari’achuu dhabuun qaamolee duudhaalee waliin jireenyaa uummattootaafi kanneen biroo diiguu barbaadaniif haala mijataan uumamaa akka ture hubachiiseera.
Rakkoo kana waaraan furuuf garaagarummaafi waldhabdee irratti waltajjiiwwan marii uummataa bal’aa karaa hirmaachisaa ta’een gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumuun barbaachisaa waan ta’eef Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamee hojiilee hedduun hojjetamuu tajaajilichi yaadachiiseera.
Komishinichi dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an irratti mariiwwan biyyaalessaa hirmaachisaa ta’an gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa fooya’aa uumuuf, adeemsa keessas wal amantaa guddisuuf faayidaa guddaa inni qabu hubachuun walaba fi hirmaachisaa akka ta’uuf mootummaan deeggarsa seeraafi caaseffamaa barbaachisaa taasisuu ifoomseera.
Gama Kanaan waggoottan sadan darbaniif hojiilee hedduun akka hojjetaman yaadachiiseera.
Naannolee biyyattii 11fi bulchiinsa magaalotaa lameenitti mariiwwan qaamolee qooda fudhattootaafi hirmaattota hedduu hirmaachisan gaggeeffamuu, naannoo hafe Tigraayittis marii gaggeessuuf hojiileen qophiin duraa hojjetamaa jiru jedhe.
Baatiiwwan kurnan darbanitti namoonni kumni 200 ol dhimmoota waloorratti mari’ataniiru kan jedhe tajaajilichi, Waltajjiin mariifi ajandaa walitti qabuu dhaabbileefi waldaalee federaalaa 14ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuu ibseera.
Waltajjii marichaarrattis kanneen hirmaatan paartilee siyaasaa, dhiibbaa uumtotaa, dhaabbilee diimookiraasiifi amantaa, qaamolee nageenyaa, dhaabbilee miidiyaafi bakka buutota dhaabbilee mootummaa ta’uu kaaseera.
Ajandaaleen kunneen dameewwan garaagaraan qindaa’anii kan dhiyaataniifi yeroo itti aanuttis ajandaawwan sadarkaa naannoleettis ta’e federaalaatti ka’an irratti mariin cimee akka itti fufu ibseera.
Komishinichi karaa walaba ta’een marii akka gaggeessuuf mootummaan deeggarsa eegale cimsee itti fufa jedheera.