Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti giddugala Anniisaa ta’uun walitti hidhamiinsa naannawaa cimsaa jirti – Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Laggeen ishee badhaadhina waloo naannawaaf, Karra Galaanaan immoo faayidaa biyyaalessaa ishee mirkaneessuuf ejjennoo cimaa qabdi jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen torbee Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa 2ffaa Goda hambaa Saayinsitti bananiiru.
Obbo Tamasgeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Itiyoophiyaan xiyyeeffannoo anniisaa haaromfamaa fi misooma bishaaniif kenniteen dhiyeessii bishaan qulqulluu fi Elektirikii miiliyoonota biraan gahuun fooyya’iinsa olaanaa argamsiifteetti jedhan.
Naannawichaaf giddugala Inarjii ta’uun ollaa ishee anniisaa haaroomfamaan fayyadamoo taasisaa, walitti hidhamiinsa cimsaa fi badhaadhina waloof tattaafataa jirti jedhan.
Hidhi Guddichi Haaromsaa mul’ata gaarii Itiyoophiyaan naannawichaaf qabdu kan calaqqisiise, Ifa Afrikaa fi mallattoo tumsa biyyoota yaa’a gadii ta’uus ibsaniiru.
Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuun walitti hidhamiinsa diinagdee fi badhaadhina waloo saffisiisuun olkaa’insa waloof bu’uura cimaadha jedhan.
Misoomni bishaanii fi inarjii itti fufiinsan, tumsaa fi hojiira oolmaa kalaqaan carraa waloo keenyaa ta’uu hubachuu qabnas jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.