Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Godaantoota keessummeessuun dirqama idil addunyaa bahataa jirti- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan godaantoota simattee keessummeessuun tajaajila hawaasummaa akka argatan taasisuun dirqama idil addunyaa bahataa jirti jedhan Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Guyyaan Godaantoota Addunyaan Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf mata duree “Godaantoota haa kabajnu egeree isaanii waloon haa bocnu“ jedhuun guyyaa har’aa kabajameera.

Obbo Tamasgeen Xurunaa kabaja guyyichaarratti argamuun haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan godaantootaaf qaxxamuuraa fi iddoo jireenyaa ta’uun dirqama idil addunyaa bahaachaa jiraachuu kaasan.

Godaantoonni sababoota namtolcheen naannawaa isaanii gadi dhiisan rakkoolee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaaf kan saaxilaman ta’uu isaaniin kunuunsi ni barbaachiisa jedhan.

Dhimmi godaantootaa hordoffii fi qindoominaan yoo hojjetame misooma biyyaaf, kalaqaaf, guddina hawaasummaa fi kanneen biroof shoora olaanaa kan qabaatu ta’uu hubachiisaniiru.

Godaantoonni misooma biyyaaf gahee isaanii akka bahataniif hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Godaansa deebitoota waaraan dhaabuufi deebi’anii hawaasatti akka makamaniifi jireenya fooyyaa’aa akka jiraataniif mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu himuun,qooda fudhattoonnis gahee isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.

Leeyikuun Alemtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.