Itiyoophiyaan gootoota walharkaa fuudhiinsaan biyya ijaaraan hedduu dachee qabduudha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan gootoota walharkaa fuudhiinsaan biyya ijaaraan hedduu dachee qabduu jedhan Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Guyyaan hundeeffama ajaja duultoota addaa waggaa 65ffaan sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajni Duultoota Addaa waggoottan 65’nan darban keessa qormaatilee hunda cichoominaan ce’uun hojiilee biyya boonsu hojjechuu ibsan Dooktar Abiy Ahimad.
Ajajichi riifoormii gaggeeffameen kallattii hundaan qophummaa olaanaa qabaachuu kaasan.
Wayita waggaa 65ffaa isaa kabajus ammayyummaa, qophummaa humna namaa fi teeknikaa qabu uummatatti agarsiisuu dubbatan.
Keessattuu akkaan walxaxaa fi of eeggannoo olaanaa kan barbaadu dirqama magaala keessaa, xiyyaararraa utaaluu, dabalatee agarsiisa garaagaraa dhiyeessuun mirkaneessera jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.